Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள்

2023-07-03 21:31:22 Yunaaytid Isteetis Ugguura Gargaarsaa Itiyoophiyaa Irraa Kaa’amee Ture Hanga Tokko Kaaste
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaaytid-isteetis-ugguura-itiyoophiyaa-irraa-kaa-amee-ture-hanga-tokko-kaaste/7165168.html

Yunaayitid Isteetis adeemsa mirga namoomaa irratti foyyee mul’ate ilaalchisee uggura gargaarsaa Itiyoophiyaa irratti kaa’ame tokko tokko kaafte jechuun dubbi himaan nageenya biyyoolessaa Waayit Haawus Joon Karbii Jimaata darbe ibsaniiru.


Fooyya’iinsi mirga namoomaa kun keessumattuu waliigaltee diinummaa dhaabuu mootummaan Itiyoophiyaa fi humnoota naannoo Tigraay baatii Sadaasa keessa mallatteessaniin booda ta’uu Karbiin himaniiru. Waliigaltichi waldhabdee kuma dhibbaan lakkaa’aman beelaaf saaxilee, miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisee fi kuma kurnaan lakkaa’aman ajjeese xumuree jira.


Erga wal waraansii dhaabbatee as walumaa galatti dhiittaan raawwatamu hir’atuus, naannoo Tigraay  keessatti hookkara, godaansisuu fi ajjeechaan gosa irratti hirkatee, itti fufee jira jedhu gareewwan mirga falman.


''Gargarsa nyaataa yeroo dhaabnu gargaarsa gosa murtaa'e irraa uggura tokko tokko kaasaa jirra,'' kan jedhan Karbiin, Murteen kun, Ityoophiyaa keessatti nagaa waaraa fiduuf waan nu harka jiruun deeggarsa keenya bal’inaan cimsuuf carraa jiru ballisaa jennee amanna jedhu.


Ministeerri Dhimma Alaa Amerikaa gargaarsi kennamuu nagaa fi araara biyyattii keessaa akka deeggaru ibsee jira.


Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Amerikaa akka jedhanti, “Xiyyeeffannaan gargaarsa biyyoota lamaanii deebi’ee eegalame waliigaltee diinummaa dhaabuu caalaatti hojiirra oolchuuf deeggarsa gochuu akkasumas,  tattaaffii dhukaatoota awwaalaman dhabamsisuu, haqaa ce’umsaa fi itti gaafatamummaa dabalatee nagaa fi araara itti fufiinsa qabu dagaagsuu ta’a.


Tigraay Lixaa keessatti qooda fudhattoota kan mootummaa hin taane dabalatee gabaasa dhiittaa mirga namoomaa hamaa ta'e irratti, yaaddoo qabnu kaasuun itti fufna, mootummaan namoota nagaa akka eegu fi yakkamtoota akka itti gaafataman gaafanna," jechuun dubbi himaan kun dabalanii ibsaniiru.


Mootummaan Itiyoophiyaa ibsa  Jimaata darbe kennamee kana irratti yaada akka kennuuf gaaffii dhiyaateef hatattamaan deebii hin Laannee.


Arikaa keessaa hedduumiina lakkoobsa uummataan lamaffaa kana ytaatee Itiyoophiyaa keessatti, ummanni miiliyoona 20 ol gargaarsa nyaataa kan barbaadu yoo ta'u, kunis sababaa caama hamaa biyyoota gaanfa Afrikaa waggoota kurnan darban keessatti mudatee fi wal waraanasa


Itiyoophiyaa Kaabaakeessatti geggeeffamaa jiruun kan ka'e akka ta’e ibsamee jira.


Reuters/jg/dw
850 views18:31
திற / கருத்து
2023-04-26 11:18:37 Deemsi Marii Nagaa Mootummaa Ityoophiyaa fi WBO Gidduutti Jalqabamee Jira 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7065765.html

 Sochiin marii nageenyaa Mootummaan Ityoophiyaa fi Waraanaa Bilisummaa Oromoo giduutti taasifamuu kibxataa har’aa biyya Taanzaaniyaatti jalqabuun isaa gabaasamee jira. Marii kanna irraatti bakka bu’oonii mootummaa Ityoophiyaa fi Waraanaa Bilisummaa Oromoo yemuu wal arguuf deemman kannatti gareen Mootummaa Ityoophiyaa gorsaa dhimmaa nageenyaa mumichaa ministeeraa Abiy Ahimad, obbo Rediwaan Huseeniin akka hogganamu maddi Oduu Rooyoters maddaawan ifaa hin taanee waabeffachuudhaan gabaaseera. 


Gabaasaan Rooyiters, walgahichi Odola Zaanzibaar irratti kan taasifamuu ta’uu isaa namoottan of beeksisuu hin barbaannee himuu isaanii dabalee ibsee jira. 


Ergaa walwaraansi naannoo Tigraay keessatti taasifamaa ture marii karaa nagaatiin taasifameen dhaabbatee boodaa, halii nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru mootummaa Ityoophiyaatiif waan yaaddeesaa ta’eef waldhabdichaa karaa nagaatiin hiikuudhaaf yaaliin taasifamaa akka ture kan ibsee gabaasinii Rooyiters, walitii bu’iinsaa Oromiyaa keessaa turee Kanaan namoonni dhibbaan lakkawaman du’uu isaanii eereera. 


Marii kana irraatti gareewwan lamman bakka bu’uudhaan namoottan hirmaattan eenyuu akka ta’an amma gabaasnii kun qophaa’etti iffatii wantii ibsamee hin jiru. 


 


 


REUTERS/BD/DHW
2.9K views08:18
திற / கருத்து
2023-04-26 11:18:37 Namoottan Hedduun Sudaan Keessaa Baqatan Magaala Matammaa Seenaa Jiru 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/namoonni-sudaan-keessaa-baqatan-magaala-matammaa-seenaa-jiru-/7065777.html

Walwaraansaa Sudaan keessatti itti fufee jiruu jalaa namoottan baqachaa jiran karaa kaabaa itioophiyaa magaalaa Matammaa  seenaa jirachuun isaanii beekameeraa. Bulchiinsa Naannoo Amaaraatti bulchaan godinaa lixa Gondor Obbo Bisik Werqee, Lammileen biyyoottan alaa Magalaa Kaartuum irraa ka’anii karaa Gallaabaatiin daangaa Ityoophiyaa seenaa jiran akkaataa seeraa qabeessaa ta’een akka seenaanu, akkasumas nageenyaa isaanii eegudhaaf akka gargaarsii taasifamaa jiru sagalee Amerikaatti himanii jiru. 


Haanga’oonni naanoo fi dhaabileen gargaarsaa namoomaa, namoottan kanaaf bakka boqonnaa mijeessaafii akka jiran bulchaan godinichaa kan ibsan yemuu ta’uu , namoottan ijaan argan akka sagalee Amerikaatti himanitti Konkola’attonni 100 ta’an lammiiwaan biyyaa alaa fe’anii daangaa Ityoophiyaa seenaa jeraachuu isaanii ibsaniiru. 


Jiraataan magaalaa Matammaa tokko bakkaa Matammaa Yohaanis Jedhamuutti lammiilee Sudaan warren walwaraansaa baqatanii Ityoophiyaa seenan hedduu arguu isaanii akka sagalee Amerikaatti himan Asteer Misgaanaawu Baahirdaar irraa gabaasteetti. 


Karaa biraatiin, Lammilee Ityoophiyaa biyyoottan bahaa Afrikaa keessaatti hidhamanii jiran mana hidhaatii baasisuudhaan gara biyyaatti deebisuuf hijjachaa akka jiru mootummaan Ityoophiyaa ibsee jira. Hojii barbaachaa jechaa yemuu garaa Afrikaa kibbaatti imalaa jiran karaa irratti qabamanii mana hidhaa biyyoottan baha Afrikaa adda addaa keessa jiran namoottan 9,000 ta’an biyyatti deebiisuudhaaf sochiin akka jalqabamee Ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa Ergooge Tesfaayee ibsaanii gabaasamera. 


Namoottan kun kan hidhamanii jiran Taanzaaniyaa, Zaanzibaari fi biyyootaa baha Afrikaa biroo keessaatti akka ta’e kan ibsan Ergoogee Tesafaaye biyyootaan lammiileen Ityoophiyaa kun keessatti hidhamanii jiraanuu wajjin mariin taasifamaa jiraachu isaa ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis, biyyii Sa’udii Arabiyaa lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraa qabeesaa ta’een biyyaatii keessatii kan hojjachuu danda’an qacaruu jalqabuu ishee ibsii ministeericha irraa bahee kan beeksisee yemuu ta’u, hojjataootaa kana qacaruun waligaltee bara 2019 biyyoottan lamman giduutti taasifamee irratti hundaa’uudhaan akka ta’e gabaasini kenedii Abaatee Ibsee jira. 


AM/KA/BD/DHW 
2.9K views08:18
திற / கருத்து
2022-12-16 21:51:05 Uummati Kuma Hedduun Oromiyaa keessaa Qe’ee Irraa Buqqa’aa Jira: OCHA
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6879444.html

Lixa Oromiyaa keessaa lammiiwwan nagaan kuma dhibbaan laka’aman manneen jireenyaa isaanii irraa buqqa’uu isaanii OCHAn beeksisee jira. Tokkummaan mootummootaa akka ibsetti buqqaatonni hedduun gara naannoo Amaaraatti yaa’aa jiru jedhee jira.


Uummati miidhaan irra ga’e naannoo Oromiyaa keessa naannoo wayaawaa keessa qubachuu qofa utuu hin taane, guyyoota sadii hanga shanii miillaan erga deemanii booda gara naannoo Amaaraatti galan jechuu dhaan OCHAn gabaaseera. Baatii muddee walakkesssa irra namoonni 10.000 ol buqqa’uu isaanii ibsee jira.
2.5K views18:51
திற / கருத்து
2022-12-16 21:51:05 Walii Galteen Nageenyaa Irra Ga’ame Hookkara Naannoo Tigraay Hir’isee Jira: Ministrii Dhimma Alaa Ynaayitid Isteetis
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6879441.html

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteeytis Antony Blinken kaleessa akka jedhanitti, walii galteen nagaa Itiyoophiyaa hookkara Tigraay keessatti mudatu hir’isuu, gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu fooyyessee, tajaajilli deebi’ee akka kennamu taasise jechuun kaleessa dubbataniiru.


“Miidhaan namoomaa kana booda raawwatamaa hin jiru” jedhan. Xumura wal ga’ii hoggantoota Ameerikaa fi Afrikaa guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture irratti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Blinken walga’ii biyyoota lamaanii muummicha ministraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi jila isaanii waliin taasisaniin, humnoota Eertiraa ofi rraa baasuun barbaachisaa ta’uu isaa irratti mari’achuu isaanii hubachiisaniiru.


''Dhiphinni akka hiri’atu gochuuf amma bu'uura gaarii qabna garuu ammallee dadhaboo waan ta'eef hirmaannaa yeroo hunda akka gaafatu hubachiisaniiru


Hogganaan Ityoophiyaa kun, preezdaantii garee Baankii Addunyaa, Deeviid Maalpass waliinis mari’ataniiru. Ministrii dhimma alaa Blinken wal dhibdee Ruwaandaa fi Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo gidduu jiru akkasumas dhaabbati waraanaa dhuunfaa kan Raashiyaa Waagner Afrikaa keessa jiraachuu isaa irrattis mari’ataniiru.
2.5K views18:51
திற / கருத்து
2022-12-16 07:18:00 Oolmaa Gumii Hooggantoota Yunaaytid Isteesi fi Afrikaa Guyyaa 2ffaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6876540.html

Gummii Hooggantoota Yunaaytid Isteets fi Afrikaa harraa guyyaa lammaffaaf geggeeffamaa oole Diinagdee Ameerikaa fi Afrikaa irratti daldalaa fi invastimantii gam- lamaa guddisuu irratti xiyyeeffate. Hojii gaggeessitoonni olaanoo fi hoggansi damee dhuunfaa dhaabbilee Ameerikaa fi Afrikaa 300 ol irraa Hoggantoota jilaa wajjiin walgahuudhann invastimantii dameewwan murteessoo ta’an kan akka fayyaa, bu’uuraalee misoomaa, anniisaa, daldala qonnaa, fi dijitaalaa irratti mari’ataniiru.


Waltajjii “Fulleeffannaa Jijjiiruu: Egeree Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii Yunaaytid Isteetsii fi Afrikaa, mata duree jedhu jalatti geggeeffame kana irratti Bakka Bu’aan Ministira Daldalaa Yunaaytid Istees fi Afrikaa irraa hoggantoonni Morokoo fi Keeniyaa haasaha dhageechisaniiru.


Hooggantoota Itoophiyaa mariiwwan geggeeffaman irratti hirmaatan keessaa Abban Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa Obboo Geediyoon Ximmotiwoos tokko turan.


Karaa biraatin Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad fi jilli isaanii gumii geggeeffamaa jiru irratti affeerramuu mormuudhan haawaasni Oromoo naanoo walgahin itti geggeeffamuu fi wajjiraalee motummaa Yunaaytid Isteets kaan birratti kaleessaa jalqabee mormii dhageechisaa jiran. Kutaa Minisootaa irraa hiriira irratti hirmaachuuf kan argaman Aaddee Layilaa Abbaa Waarii dubbisne.  Hoggantoota Itoophiyaa irraa dhufan dhimmoota kana irratti dubbisuuf yaaliin goone amma ammaatiti in milkoofine.


 
2.3K views04:18
திற / கருத்து
2022-12-09 03:25:56 Muummichii Ministiraa Abiy Ahimad Gareewwan fi Namoottan Dhuunfaa Ilaalcha Finxaaleyyummaa Qabu Jedhan Balaaleffatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6868001.html

Muummichii Ministiraa mootummaa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad, guyyaa Sabaa fi Sab-lammootaa Itiyoophiyaa yeroo 17ffaadhaaf magaala Hawaasaa keessatti kabajamaa jiruu irratti namoottan hirmaatan kumaan lakkawamanuuf  haasaa taasisaniin gareewwani fi namoottan dhuunfaa ilaalchaa finxaaleyyummaa qaban namoottan nagaa gatii kaffalchiisuudhaan bu’ii siyaasaa Argachuuf yaalaa jiru jechuudhaan balaaleffatani jiru.


Muummichii ministiraa kan kana jedahn, yemmuu hookkorri godinaalee wallaggaa keessaatti dabalaa deemaa jiruu fi yemmuu partileen siyaasaa fi dhaabbileen hawaasaa gara-garaa mootummaan tarkaanfii atattamaa fudhatee akka walti bu’insichaa dhaabuu qabuu gaafachaa jiranitti akka ta’e Yoonaatan Zebdiyoos Awaasaa irraa gabaasera.


Wali galtee nageenyaa walwaraansaa Kaaba Itiyoophiyaa irratti taasifamee fiixaan baasuudhaaf mootummaan isaanii waan danda’u hundaanuu akka sochoo’a jiru kan ibsan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, nageenyaa Itiyoophiyaatiif ta’e nageenyaa Afrikaatiif lammiilen biyyatii akka tokkummaadhan dhaabatan waamichaa dhiheessun isaanii gabasameera.


Walti bu’insaa godinaalee Wallaggaa keessatti dhihenya kana taasifamaa jiru irrati amma ammaatti mootummaan ifatti wantii jedhe hin jiru.
204 views00:25
திற / கருத்து
2022-12-09 03:25:56 Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Haleellawan Oromiyaa Keessatti Geggeessamuuf Mootummaan Fala Barbaaduu Qaba Jedha
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6867602.html

  Naannoo Oromiyaa keessatti Ajeechaan siviilota irratti raawwaata  jiru, midhaan qaama namaa irra gahaa jiruu fi qe’ee ofii irraa buqqa’uun tarkaanfii qabatamaa fi fala waara-qabeessaa ta’e mootummaa feederaalaa irraa kan barbaaduudhaa jechuudhaan ibsa guyyaa kaleessaa baaseen Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa hubachiisee jira.  


Akka lakkoofsaa Itiyoophiyaatti ji’a adoolessaa bara 2014 amma ji’a Sadaasaa bara 2015 keessaatti naannoo Oromiyaa bakkaa adda addaatti walti bu’iinsa fi haleellawwan raawwataman, akkasumas sababa kanaan kan ka’e sarbiinsaa mirga namoomaa raawwataman qorachaa turuu isaa Komoshiinichii ibsaa isaa kana keessati eeree jira.  


Bakkaawwan “walti bu’insii itti raawwatamaa turaanii fi itti raawwatamaa jiran” jechuudhaan galmaawan kan tarreesse ibsii komishiinichaa , wallagga bahaa dabalatee godinaalee adda addaa 10 keessa aanalee adda addaa jiran keessatii hordofii taasisuu isaa ibseera.  


Ji’a Adoolessaa bara 2014 kaasee amma Sadaasa bara 2015 ti bakkeewwan gabaasa isaa keessatti ibsaman keessatti namoonni nagaan dhibaan lakkaawaman garee hidhatootaatin  haala suukanneessaadhaan ajjeefamuu isaanii odeeffannoo argachuu isaa komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa beeksiseera.  


Bakkaawan komishiinichi qorannoo  taasisee keessa namottan mootummaan akka ittiin of eggatan jechuudhaan meeshaa  hidhachiise, hidhattootaa bakka biraatii dhaqan warren “hidhatoota Amaaraa” jedhamanii naanno sanatti beekaman, akkasumas waraanni bilisummaa Oromoo akka socho’an gabaasnii komishinichaa ibseera.  


 Gareewwan hidhatanii socho’an kun alii umnoottan mootummaa wajjiin, alii immoo waliin isaanii wajiin lola taasisan keessatti sivilonii hedduun miidhamuu isaanii kan ibsee komishiinichii umnoottan nageenyaa mootummaas ajjeechaa akka raawwatan gabaaseera.  


 Akkuma kanaan, umnootan mootummaa hidhattootaa mootumaadhan morman deggertu jechuudhaan garasiif garaanaa seeraan ala akka ajeechaa raawwatan, ittu qulqulleeffannaa gahaa hin taasisin hidhattonii achii jiru jechuudhaa bakka namoottan nagaan jiran irraatti haleellaa xiyyaaraa taasisuudhaan, hidhaawwan seeraan alaa rawwachuudhaa shakkamtootaa gidiraa agarsiisuudhaa siviilota irratti akka miidhaa geesisan beekuu isaa ibseera.  


Bakkaawwan too’annoo hidhattootaa jala jiran keessatti sarbiinsa mirga namoomaa raawwataman ilaalchisee kan gabaasee komishinichii, “ mootummaa ykn garee hidhattootaa biroo deggertu ykn isin  haanga’oota mootummaati” jechuudhaan akka ajeechaa fi saamichaa raawwatan, akka dirqiidhaan kaffaltii maallaqaa jiraattotaa irraa fudhatan warren midhaan irra gahee fi maatiwan isaani irraa odeeffanno fi ol iyyannoo dhihaate irraa addaan baafachuu isaa beeksiseera.   
201 views00:25
திற / கருத்து
2022-12-08 08:33:47 Haleellaan Sab-lammummaatti Xiyyeeffate Wallagga Bahaa Keessatti Namoota Nagaa Hedduu Ajjeesuu, Miidhuu fi Buqqisuun Himame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6866152.html

Bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Wallagga Bahaa, aanaalee Kiiramuu fi Angar Guutee keessatti akka lakkoobsa Itiyophiyaatti Sadaasa sagal irraa jalqabee haleellaalee raaw’atamaa jiran, jedhameen namoonni lakkoobsi isaanii baay’ee tahe ajjeesamuu fi kanneen kumootaan lakkaawaman buqqa’uu isaanii jiraattonni Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Miidhaa lubbuu namaa fi qaama irra gahe ilaalchisee lakkoobsa mirkanaawaa argachuun hin danda’amne.


Haleellaa kanaaf jiraattonni dhalattoota Oromoo yaada isaanii kennan hidhattooa “garee finxaaleyyii Faannoo” ittiin jedhan ka balaaleffatan yoo tahu dhalattoonni Amaaraa yaada isaanii kennan ammoo haleellichaaf humna addaa Oromiyaa fi gurmuu hidhattootaa “ABO shanee” ittiin jedhan yakkaan.


Koomishinni mirga namoomaa Itiyoophiyaa haalli godinaa sana keessa jiru kan isa yaaddesse tahuu isaa fi ragaalee walitti-qabataa ka jiru tahuu Sagalee Ameerikaaf ibse. Paartiileen siyaasaa adda addaa mootummaan haleellaalee kana akka dhaabsisuu fi nageenya uummata nagaa akka tiksu gaafataa jiru. Mootummaa Federaalaa irraa haga ammaatti waan dubbatame hin jiru. Sagaleen Ameerikaa qaamota mootummichaa irraa deebii argachuuf carraaqqii hedduu taasisee haga ammaatti itti hin milkoofne.
885 views05:33
திற / கருத்து
2022-11-30 00:15:33 Komishinni Araaraa Ibsa Baasee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/komishinni-araaraa-ibsa-baasee-jira/6855059.html

Komishiniin marii biyyoolessaa kan Itiyoophiyaa walakkeessa waggaatti ajandaalee marii, hawaasa irraa walitti qabuu akka eegalu beeksisee jira.


Komishinini kun ibsa har’a baaseen, bulchiinsa naannoo Tigraay irraa kan hafe naannolee hundatti imaluun dhimma walta’iinsa irratti qooda fudhattoota waliin mari’achuu isaa beeksisee.


Miseensi koomishinichaa kan ta’an Dr. Yonas Adayee RSA akka ibsanti, dhimma naannoo Tigraay tti imaluun  danda’amu irratti, bakka bu’aa olaanaa gamtaa Olusheeguun Obaasaanjoo waliin mari’achaa turuu isaa beeksisanii jiru.


Mariin kun hunda kan hirmaachise ta’us, qaamotni qabsoo hidhannoo keessatti hirmaatan mootummaa waliin mari’achuun meeshaa waraanaa lafa kaa’uu fi qaama marii biyyoolessaa ta’uu akka danda’an komishinichi akeekeera.


Komishinichi namoota naannoo waldhabdee keessa jiraatan karaa aadaatiin akka wal argu beeksiseera.
1.1K views21:15
திற / கருத்து